Daawwannaan Muummee Ministiraa Turkitti taasiisan bu’aa qabeessa ture – Ministeera Alaa

Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC) – Daawwannaan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Turkitti taasiisan bu’aa qabeessa kan ture ta’uu Ministeera Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Huftiin haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa torbee laataniiru.
Daawwannichi hariiroo biyyoota lanaanii sadarkaa olaanaatti kan guddisuu ta’uu ibsa torbee haala yeroorratti laataniin himaniiru.
Biyyoonni lameen damee loltummaa fi Bishaaniin tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu ibsaniiru.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Afrikaa Bahaatti ergamaa addaa Ameerikaa waliin marii jabaa taasiisuus eeraniiru.
Gareen shorokeessaa ABUT erga mootummaan tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkee taasiisee naannoo Amaaraa fi Afaariitti yakka ajjeechaa fi sarbama mirga namoomaa raawwachaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsa taasiisuu himameera.
Aministiin ragaan buqqaatoota ilaalchisee walitti qabe ragaa dogongoraa ta’uu ministeerichi ibsa laateen himeera.
Lammiileen kumni dhibbi 3 ol naannoo Afaarii fi Amaaraarraa buqqa’uu ibseera.
Miidhaan lammiilee Ityoophiyaa Saa’uda Arabiyaarra ga’u akka dhaabbatu Ambaasaaddarri Ityoophiyaa gaafachuu himeera.
Lammiileen Ityoophiyaa Jiibuutii, Sudaanii fi Yeemanii deebi’uu kaaseera.
Lammiilee kuma 4 Yeemanii deebisuuf sanadni imalaa qophaa’uu ibsameera.
Akkasumas Saa’ud Arabiyaa torbeetti balallii sadiin lammiilee Ityoophiyaa biyyattiitti rakkoolee garaagaraaf saaxilaman gara biyyaa deebisuuf ni hojjetama jedhame.
Deeggarsi lammiilee Ityoophiyaa fi dhaloota Ityoophiyaa biyya alaa jiraatanii cimee itti fufu ka’eera.
Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirra bu’qan deebiisanii dhaabuu, Raayyaa Ittisaa fi Hidha Haaromsaaf deeggarsa birrii miiliyoona 28 taasiifamuu ibsameera.
Mannee Maree Daldalaa Ityoophiyaa fi Aljeeriyaa waloon hojjechuuf waliigaluus eerera.
Wandawasan Araggaanyitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment