Daawwannaan MM Abiy Ahimad Eemireetota Araba Gamtoomaniitti taasisan hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuurratti kan kaayyeffatedha- TKM

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Daawwannaan Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Eemireetota Araba Gamtoomaniitti taasisan dhimmoota hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuu danda’anirratti mari’achuuf kan kaayyeffate ta’uu Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimadii fi jillisaanii daawwannaa hojiif gara Eemireetota Araba Gamtoomanii magaalaa Abuu Dhaabiitti imaluun isaanii ni yaadatama.

Kaayyoon daawwanichaa dhimmoota hariiroo gam-lamee cimsuun danda’amurrattii fi fuulduratti dameewwan garaagaraan faayidaa waaraa biyyoota lameenii haala mirkaneessuun danda’amurratti mari’achuuf ta’uu Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Waggoottan sadan darbanitti hariiroon biyyoota lamenii guddachaa dhufuu ibsuun, wayita Ityoophiyaan rakkoo keessa turtetti rakkooshee keessaa akka baatuuf deeggarsi Eemireetota Araba  Gamtoomanii Ityoophiyaaf taasisaa turte olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Kanaaf ammo Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad galateeffachuu ibsaniiru.

Mootiin Abuu Dhaabii Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan gamasaaniin, Ityoophiyaan rakkoolee ishee mudatan keessaa baate gara nagaatti deebi’uusheef gammaduu isaanii ibsuu eeraniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii gara hariiroo tarsiimawaatti akka guddatuuf hawwii qabaachuu fi cimsanii kan hojjetan ta’uu ibsaniiru jedhan.

Gama biraan jilli Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin durfamu Duubaayitti Eksipoo Idil Addunyaa 2020 daaawwachuu ibsaniiru.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 5 ol wantoota Ityoophiyaan qabattee dhiyaatte daawwachuu eeraniiru.

Eksipochan Ityoophiyaan maalummaashee addunyaaf kan itti mul’ifte ta’uu addeessaniiru.

Eemireetota Araba Gamtoomaniittti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Suleemaan Daddafoon gamasaaniin, hariiroon biyyoota lameenii kan waggoota dheeraa lakkoofsisee ta’uu fi hariirichi cimaa kan dhufe waggoottan muraasa darbanitti ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii fayyadamummaa uummataa uumuu danda’uu addeessaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment