Daawwannaan Dooktar Abiy Ruwaandaatti taasisan hariiroo Itiyoophiyaan biyyattii waliin qabdu kan cimsuudha-Billenee Siyyum

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC)- Daawwannaan Dooktar Abiy Ahimad Ruwaandaatti taasisan hariiroo Itioophiuaan biyyattii waliin qabdu daran kan cimsuu ta’uu Itti Gaafatamtuun Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billenee Siyyum ibsan.

Billenee Siyyum daawwannaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaanii Ruwaandaa Kiigaaliitti guyyoota lamaaf taasisan ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Dooktar Abiy Pireezidaantii biyyattii Pawul Kaagamee waliin marii dameewwan gargaraa fi hariiroo gamlameerratti taasisuu kaasaniiru.

Akkasumaas dhaabbilee misooma biyyattii daawwachuu fi sirna yaadannoo waggaa 30ffaa Duguggaa Sanyii Ruwaandaatti gaggeeffameerratti hirmaachuu ibsan.

Kunis biyyoota lameen gidduu walta’iinsi yeroo dheeraa akka turee kan argisiisu ta’uu himaniiru.

Daawwannaan guyyoota lamaaf taasisanis biyyoonni lameen walta’iinsa qaban daran cimsuurra darbee ardichaaf haalaa bu’aa argamsiisuu danda’un xumuramuu dubbataniiru.

Masarat Awwaqeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment