Daawwannaa anga’oonni olaanoon biyyoota Awurooppaa Ityoophiyaatti taasisan tattaaffii nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamuuf beekamtii kan kenne jedhame

Finfinnee, Eebla 4, 2015(FBC)- Daawwannaa anga’oonni olaanoon biyyoota Awurooppaa Ityoophiyaatti taasisan tattaaffii nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamuuf beekamtii kan kenne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Ibsasaaniin, daawwannaan Ittaantuu Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Isloovaaniyaa Taaniyaa Faayaniifi Muummee Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii tattaaffii Ityoophiyaan hariiroo biyyoota deeggartoota ishee waliin qabdu saffisaan gara duraatti deebisuuf taasiftuu kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis daawwannaan isaanii tattaaffii Ityoophiyaan nageenya waaraa mirkaneessuuf taasiftuuf beekamtii kan kenne ta’uu ibsuusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment