“Daawwanna misoomaafi marii uummataa Godinaaalee Wallaggaa Arfanitti gaggeeffameerraa bu’aa guddaan argameera” – Obbo Fiqaaduu

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Daawwanna misoomaafi marii uummataa Godinaaalee Wallaggaa Arfanitti gaggeeffameerraa bu’aa guddaan argamuu Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsan.

Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa miidiyaaleef kennaniin ummanni Godinaalee wallagga Arfan sirna isaafi hoggansa jijjiiramaa jabeessuuf wareegama guddaa kanfaleera jedhan.

Waraana kaaba Itiyoophiyaatti mudate irrattis birmadummaa biyyaa kabachiisuuf ijoolee isaa erguufi deeggarsa garaa garaa gumaachuun gaheesaa bahachuu ibsaniiru.

Filannoo biyyaalessaa irrattis hirmaannaa olaanaa taasisuu kan himan Obbo Fiqaaduun hiriiree galmaa’uufi sagalee kennuun hoggansa isaaf ta’u sagaleesaatiin bakka buufateera jechuu isaanii OBN gabaaseera.

Aantummaa sirnichaaf qaburraa ka’uun gama tokkoon waraana keessa taa’ee Shanee ofirraa qolachuun gama biraatiin misooma irratti adda durummaan hirmaachuun jijjiirama wareegama qaaliin argate itti fufsiisuuf tumsa guddaa gumaachaa jiraachuu hubanneerra jedhan ibsa kennanniin.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment