Daawwanaan Antoonii Biliinkaan michummaa Ityoophiyaa fi Ameerikaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesisuudha -MDhA

Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) – Daawwanaan Ministira Dhimmaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkaan Michummaa Ityoophiyaa fi Ameerikaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesisuu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam haala waqtaawaa ilaalchisee miidiyaaleef torbee laataniiru.

Daawwanaan Antoonii Biliinkaan Michummaa Ityoophiyaa fi Ameerikaa gara boqonnaa walta’iinsa haaraatti kan ceesisuu ta’u ibsaniiru.

Antoonii Biliinkaan Turtii isaaniin, haaloota hariiroo ardichaa cimsuun danda’amurrati mari’achuu himaniiru.

Ameerikaan Doolaara miiliyoona 331 deeggarsa taasisuus ibsaniiru.
Waliigalteen nageenyaa Ityoophiyaa itti fufiinsaa akka qabatuuf Mootummaan Ameerikaa deeggarsa hundagaleesaa kan taasistu ta’uu ibsuun isaanii Ambaasaaddar Mallas Alam dubbataniiru.

Habtaamuu Taklaasillasetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment