Daassenechitti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2016 (FBC)-Ambulaansiin Godina Oomoo Kibbaa Aanaa Daassenechirraa dhukkubsataa fe’ee gara Hospitaala waliigalaa Jiinkaatti imala ture garagaluun lubbuun namoota 3 yoo darbu namoota 4 irraa immoo miidhaan cimaan qaqqabeera.
Namoonni miidhaan irra qaqqabee Hospitaala waliigalaa Jiinkaatti wal’ansi taasifamaafi jiraachuu ragaan kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.
Ka’umsi balichaas qoratamaa jiraachuun ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment