Daangefama sosochii kaasuun weerarri vaayrasii koroonaa akka babal’atu godha – Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Biyyoonni daangeffama sosochii kaasuun isaanii weerarri vaayrasii koroonaa caalmatti akka babal’atu kan taasisu ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akeekkachiise.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf mootummoonni daangeffamaa kaa’an kaasuun isaanii vaayrasichi caalmatti akka babal’atuuf karaa banuudha jedhan Daayreektarri Oolaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoom.
 
Afrikaa, Baha Awrooppaa, Giddugalaa fi Kibbaa Ameerikaatti tatamsa’inni vaayrasii koroonaa dabaluu akka danda’u Dooktar Teediroos ibsaniiru.
 
Yeroo kanatti dogongoraa hojjechuun vaayrasichaaf umrii laachuudha kan jedhan Dooktar Teediroos, weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf dagannaan hin barbaachisu jedhaniiru.
 
Weerarri vaayrasichaa Dhiha Awrooppatti hir’achaa dhufus biyyoota hedduu keessatti ammoo jalqabbiirratti argama jedhan Dooktar Teediroos.
 
Biyyoota hedduu keessatti tatamsa’inni vaayrasichaa hammaachaa akka jirus eeraniiru.
 
Weerara vaayrasichaa ittisuu fi to’achuuf mana turuu fi fageenya ofii eeggachuun furmaata olaanaadha jedhan daayretarichi.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment