Daangaan Itiyoophiyaa akka hin sarbamne akkuma kaleessaa har’as raayyaa ittisa biyyaa waliin ta’uun dirqama nurraa eegamu hunda ni baana – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Hagayya 30, 2016 (FBC) – Daangaan Itiyoophiyaa akka hin sarbamne akkuma kaleessaa har’as raayyaa ittisa biyyaa waliin ta’uun dirqama nurraa eegamu hunda ni baana jedhan Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad.

Hundeeffamani Ajaja Bahaa waggaa 47ffaan mata duree ‘of dura biyyaa fi ummataaf’ jedhuun magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jira.

Daangaan Itiyoophiyaa akka hin sarbamne akkuma kaleessaa har’as raayyaa ittisa biyyaa waliin ta’uun dirqama nurraa eegamu hunda ni baana jedhan Obbo Musxafeen haasawa saganticharratti taasiisaniiin.

Ajajni Baha nageenya Naannoo Somaalee mirkaneessuuf gumaachi taasiise kan hin dagatamne ta’uu dubbaniiru.

Ummanni naannichaa har’as akkuma kaleessaa gooticha Raayyaa Ittisaa waliin jira jechuu isaanii ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment