Daangaa Walloo Kibbaatti weerara hoomaa awwaanniisaa mudatee to’achuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Daangaa Walloo Kibbaatti weerara hoomaa awwaanniisaa mudatee to’achuuf hojjetamaa jira jedhameera.

Weerarri awwaanisichaa aanaa Warraabaabboo daangaa naannoo Affaar aanaa Cafiraatti mudachuun itti aanaan waajjira qonnaa fi misoomaa aanaa Warraabaabboo obbo Muu’aaz Mahaammad beeksisaniru.

Hoomaan aawwanniisaa kun aanaa Warraabaabbootti osoo hin galiin dura bakka jirutti akka baduuf qaamni hundi hirmaannaa taasisuu akka qabu himaniiru.

Awwaannisichi dhiibbaa osoo hin qaqqabsiisiin hirmaannaan taasifamuu akka qabu eeraniiru.

Hoomaan awwaannisaa kun iddoowwan biraatti akka hin dabarreefis mootummaa federaalaa wajjiin hojjetamaa jiraachuu ibsuun, qonnaan bulaan naannoosaa eeguu akka qabuus dhaamaniiru.

Kadiir Maahaammditu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment