Daandiin Qillensichaa lammiilee Godina Goofaaf deeggarsa birrii miiliyoona 6tti tilmaamamuu taasise

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC) –Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa lammiilee Godina Goofaatti balaa sigiga lafaan miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa meeshaalee ijaarsaa Birrii miiliyoona 6tti tilmaamamuu taasisuu beeksise.

Deeggarsicha Daandii Qillensichaatti Hoggantuun Kutaa Faawundeeshinii Aadde Sannaayiit Nuguseen, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa dirqama hawaasummaa bahachaa turuu ibsuun, deeggarsicha kennaniiru.

Bulchaan Godina Goofaa Injiinar Dagmaawwii Ayyaale,deeggarsa taasifameef galateeffachuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment