Daandiin qilleensichaa xiyyaaroota Eerbaasii haaraa A -350 jedhaman 2 fudhate

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa xiyyaaroota Eerbaasii haaraa A -350 jedhaman 2 har’a fudhate.
 
Xiyyaaroon kunneen har’a Buufata Xiyyaaraa Idila Addunyaa Boolee ga’aniiru.
 
Xiyyaaroonni Eerbaasii A- 350 jedhaman kunneen meeshaalee deeggarsaa garaagaraa fe’uun har’a Finfinnee ga’aniiru.
 
Meeshaaleen xiyyaaroonni kunneen fe’anii dhufan kunneen Ministeera Fayyaaf laatamuu ragaan Daandii Qilleensa Ityoophitaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment