Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Xiyyaara Biiznasii jalqabaa Booyingi 737 – 800 jedhamu gara biyya keessaa galchuu beeksiseera.
Maamiltoota tajaajila addaa barbaadaniif kan oolu ta’uu eerameera.
Kana dura tajaajila balallii addaa Xiyyaara Maamiltootaan kennaa turuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasew himaniiru.
Xiyyaarri haaraan kun kutaalee tajaajila ammaayyaa kennuu danda’an kan qabu ta’uu himuun, dhiibbaa tajaajila maamiltootarra ture kan hir’isu ta’uu kaasaniiru.
Kenniinsa Tajaajilaa guddisuuf xiyyaaroonni akka kanaa murteessaa ta’uu Obbo Masfin dubbataniiru.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa karoora bara 2035 milkeessuuf xiyyaarota Daldalaa dabalataan gara hojiitti kan galchu ta’uus kaasaniiru.
Miikiyaas Alamuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia