Daandiin Qilleensichaa namoota harka qalleeyyiif sagantaa nyaataa eegale

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa namoota harka qalleeyyiif sagantaa nyaataa eegaluu isaa beeksise.
 
Sagantaan nyaataa kun guyyaatti yeroo tokko yoo ta’u, lammiilee galii tokkooyyuu hin qabne qofa keessummeessa jedhame.
 
Hojii raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam dubbii taasisaniin, yeroo rakkisaa kanatti lammiin lammiif ga’uu waan qabuuf sagantaa kana eegalle jedhan.
 
Daandiin Qilleensichaa sababa weerara COVID -19n qormaata hamaa keessa jiraatus lammiilee isaa waan danda’uun gargaaruuf duubatti hin jedhu jedhan.
 
Sagantaan nyaataa guyyaa har’aa eegale kun guyyoota 15f ture yoo ta’u, namoota 400 fayyadamoo taasisa jedhame.
 
Dabalataan lammiilee kanneeniif deeggarsi meeshaalee quqlqullinaa taasifameera.
 
Bulchaan kutaa bulchiinsa Boolee obbo Xilahuun Faqaadus gama isaaniin deeggarsa Daandiin qilleensichaa taasiseef galateeffataniiru.
 
Dhaabbileen biroos akkuma Daandii qilleensicha deeggarsa namoomaa taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiryu.
 
Misikkir Sinaafiqitu gabaase
 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment