Daandiin Qilleensichaa Magaalaa Maa’unitti balalii eegalee

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)-Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Bootisiwaanaa Magaalaa Maa’unitti balalii eegaleera.

Saganticharratti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dandii Qilleensa Itiyoophiyaa Masfin Xaasawu, Hogganaa Damee Daldalaa Daandii Qilleensichaa Lammaa Yaaddeechaa, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Bootisiwaanaa Tableeloo Alfeeriid Bo’aangi argamaniiru.

Obbo Masfiin Xaasawu saganticharratti haasawaa taasisaniin, Daandiin Qilleensichaa bakka gahumsaa isaa sadarkaa Idil Addunyaa fi naannawaa yeroo garaa yerootti babal’isaa jira jedhan.

Balaliin gara magaalaa Maa’unitti taasifame bakka gahumsaa daandii qillensicha biyyoota Afrikaa 65ffaa ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment