Daandiin qilleensichaa barattoota addatti leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC)-Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa barattoota manneen barnootaa 28rraa ba’aniif Saayinsii, teeknooloojii, Mahaandisummaa fi herregaan leenjii addaa kennaa ture eebbiseera.

Daandichi Booyiingii fi “Think Young” waliin ta’uun, leenjii addaa kana kennuu ibseera.

Leenjitoonni kunneen barattoota kutaa 11ffaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 28’rraa baba’an yoo ta’u, leenjichis gama Yuunivarsiitii Aviyeeshinii Itiyoophiyaan kennamuun ibsameera.

Leenjiin kenname kunis marsaa 2ffaaf yoo ta’u leenjitoota eebbifaman keessaa %50 dubartoota ta’uu ragaan daandii qilleensichaarraa argame ni mul’isa.

Sagantaa “STEM” jedhamuu dargaggoota naannawaa waliingahiinsi barnootaa gahaa hintaanerratti kan xiyyeeffatu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment