Daandiin qilleensichaa badhaasa ‘Istaar Waayid Awwaardi’ bara 2016 argate

Finfinnee, Fulbaana 3, 2017 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata mootummaa tajaajila si’ataa kennu jedhamuun sagalee ummataan badhaasa‘Istaar Waayid Awwaardi’ bara 2016 argateera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasew badhaasicha fudhachuu isaanii ragaan fuula daandii qilleensichaarraa argame ni mul’isa.

Badhaasichi kan gammachuu qofa osoo hin taane caalmaatti hojjechuuf hamilee kan nuuf ta’u jedhan Obbo Masfin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment