Daandiin Qilleensicha diyaaspooraa gara biyyaa dhufaniif simannaa adda taasisaafi jiraachuu ibse

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa miseensoota Diyaaspooraa waamichi taasifameef fudhachuun gara biyyaa dhufaniif simannaa adda taasisaafi jiraachuu hime.

Qormaata yeroo Ityoophiyaa mudate darbuuf Ityoophiyaanonni biyya keessaa fi alaa tokko ta’uun hojjechaa akka jiran ni beekama.

Keessayyuu Ityoophiyaanoonni, dhalatoonni Ityoophiyaa fi michoonni Ityoophiyaa jalalaa biyya isaaniif qaban waltajjiwwan adda addaarratti hirmaachuun agarsiisaaniiru.

Sosochii #Ni Gaha# ykn ‘No More’ irrattis dhugaa Ityoophiyaa addunyaa hubachiisuun dhiibbaa umuu bira darbee, dhimma Afrikaanoota hundaa walitti fidee warraaqsu ta’eera.

Ityoophiyaanoonni fi dhalatoonni Ityoophiyaa dabalatanis, maallaqa isaaniinis gahee isaanirra eegamu bahaa kan jiran yoo ta’u, amma immoo waamicha Ministirri Muummee taasiseef fudhachuun hedduun isaanii gara biyyaa galaa jiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment