Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa xiyyaarawwan Booyiing Maaks 737 gara hojiitti deebisuufi

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) –  Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa xiyyaarawwan Booyiing Maaks 737 gara hojiitti deebisuun tajaajila eegalchiisuuf akka jedhu beeksise.

Daandiin qilleensichaa xiyyaarawwan Booyiing Maaks 737 gara hojiitti deebisuuf qophii xumuruu fi balallii jalqabaa Guraandhala 1, 2022 kan taasisu ta’uu ibseera.

Daandichi  xiyyaarawwan  kanneen gara hojiitti kan galchu dhaabbileen to’annoo Aveeshinii biyyoota garaagaraa eyyama balallii erga kennaniin booda ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment