Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Turkii fi Sooriyaatti adeemsa deeggarsa namoomaa geejjibsiisuutti makame

Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Turkii fi Sooriyaatti kirkira lafaa mudateen namoota balichaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf tattaffii taasifamaa jirutti makameera.

Haaluma kanaan, Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa xiyyaarota fe’umsaan, deeggarsaa toonii 100 Meeksiikoorraa lammiilee Turkii miidhamaniif taasifame geejjibsiisaa jiraachuu ragaan Daandii Qilleensichaarraa argame ni mul’isa.

Balaa kirkira lafaa Turkii fi Sooriyaatti mudateen hanga ammaatti lammiileen kuma 41 ol lubbuun yoo darban hedduun isaanii qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment