Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Toogoo Loomeerraan gara Waashingitanitti balalii haaraa eegale

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Toogoo Loomeerraan gara Waashingitanitti balalii haaraa eegaleera.

Duraan daandiin qilleensichaa Aayerlaandi Daabliinirraan gara Waashingitanittii balali’aa kan ture daandii balalii haaraa kunis Afriikaa fi Waashingitan walquunnamsiisuuf gargaara jedhan Hoji Gaggeessaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa Obbo Masfiin Xaasawu.

Daandiin qilleensichaa bara faranjootaa 1998 irraa eegalee garaa Waashingitanitti balalii gaggeessaa jiras jedhameera.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa bakka gahumsaa idil addunyaa 116 fi biyya keessaa 23 akka qabu ragaaleen ni mul’isu.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa bakka gahumsaa Afriikaa keessaa 62, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaafi Kibbaa 22, Odoloota, Giddugala Bahaa fi Eeshiyaatti magaalota 26 kan gahu ta’uun eerameera.

Dabalataan, daandiin qilleensichaa dhuma baatii Waxabajjii dhufurraa eegalee gara Hindi Cheenaayitti torbanitti yeroo sadii balalii eegaluuf ta’uu beeksiseera.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment