Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa giddugala suphaa isaa gara dijiitaalaatti jijjiiruu beeksise.
Giddugalli suphaa gara dijiitaalaatti jijjiiramuun waggaa waggaan baasii waraqaa fi humna namaaf baasuu Birrii miliyoona 500 hambisa jedhameera.
Hoji Gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfiin Xaasawu, daandiin qilleensichaa giddugala suphaa xiyyaarotaa gara dijiitaalaatti jijjiiruuf proojektii waggoota 4 qopheessuun hojjechaa turuu eeraniiru.
Giddugalichi hanga ammaatti waraqaan deeggaramee kan hojjechaa turee ta’uu yaadachiisaniiru.
Yeroo ammaa guutummaatti gara dijiitaalaatti jijjiiramuu ibsanii, hojmaanni kun qisaasama yeroo mudataa ture kan hambise ta’uu ibsaniiru.
Itti Gaafatamaan Damee Oppireeshinii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Rattaa Malaakuu, giddugalli suphaa kun gara dijitaalaatti jijjiiramuun saffisa hojmaataaf gahee olaanaa qabaata jedhaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.