Finfinnee, Sadaasa 14, 2015 (FBC) -Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa gara naannoo Tigraayitti balallii adda citee ture eegaluuf qophiirra jiraachuu beeksise.
Daandichi balallii eegaluun isaa dhiyeessii deeggarsa naamoomaa gara naannoo Tigraayitti taasiifamu saffisiisuuf gahee olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasaw himaniiru.
Waliigaltee nageenyaa Mootummaa fi ABUT gidduutti taasifame hordofee ballallii idilee adda citee ture eegaluuf qophiin xumuramuu dubbataniiru.
Maddi:- TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.