Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa gara Atilaantaatti balalii eegale

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa gara Ameerikaa Atilaantaatti balalii eegale.

Sirni balalii eegalchiisuu gaggeeffamaa jira.

Sirna jalqabsiisa balalichaarratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuu Ameerikaa Aan Jaakoobsan, Kantiibaa Magaalaa Atilaantaa Andiriiwu Diikinsi, Dura Taa’aa Boordii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Obbo Girmaa Waaqee, Hoji Raawwachisaa Daandii Qilleensichaa Obbo Masfiin Xaasawu, Ajaja Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Meejar Jeneral Yilmaa Mardaasaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balalii gara Atilaantaatti har’a eegaluun buufataalee daandichi Ameerikaa qabu gara 6’tti guddisa jedhameera.

Solomoon Alamuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment