Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa daandiile biroo caalaa Biyyoota Afrikaatti qaqqabamaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC)-Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa daandiile qilleensaa biroo caalaa balalii Biyyoota Afrikaatti taasisuun adda duree ta’uun ibsame.
 
Ardii Afrikaatti buufatalee 25 olitti kan balali’an daandileen qilleensaa shanii ol akka jiran ragaan Simple Flying ni argisiisa.
 
Barreessaan Olaanaa Waldaa Daandiilee Qilleensaa Afrikaa Abdurraamaan Baartee, akka Ardii Afrikaatti kan biyyoota hedduu qabuu fi balaliin qaqqabamu Ardiin biraa akka hinjirre waltajjii Fooramii sarara daandilee qilleensaa bal’isuu Morookootti gaggeeffamerratti eeraniiru.
 
Afrikaan sadarkaa baay’inaan, Ameerikaa, Awurooppaa fi Chaayinaa waliin walitti idaa’amuun bal’inaan guddoo ta’uu eerameera.
 
Dameen Aviyeeshinii Afrikaa biyyoota 54 hammachuun buufataa hedduu kan qabdu, daandiin qilleensaa Ityoophiyaa biyyoota hedduu balaliin qaqqabamaa ta’uun adda duree ta’uu ibsameera.
 
Daandiileen Qilleensaa Afrikaa sadarkaa Ardiitti, balaliin gaggeesan biyyoonni shan qofti buufataalee 25 fi isaa ol qabu jedhameera.
 
Haaluma kanaan Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa buufataalee 38 ol kan qaqabu, kunis Afrikaa keessaa adda duree taasisa jedhameera.
 
Daandiin Qilleensaa Keeniyaa 28, Daandiin Qilleensa Afrikaan Kibbaa 27, Daandiin Qilleensaa Rooyaal Morokkoo 26, akkasumas Toogoon 25 balalii taasisuun walduraa duubaan sadarkaa qabataniiru.
 
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
Comments (0)
Add Comment