Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balaliistota leenjisa ture 236 eebbisiise

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balaliistota leenjisaa ture 236 eebbisiiseera.

Daandichi waggoottan lamaan darban Akkaadaamii Aviyeesinii Daandii Qilleensichaa keessatti balaaliistotaa leenjisaa ture eebbisiiseera.

Hoji Gaggeessaan Daandii Qilleensichaa Obbo Masfiin Xaasawu ebbiifamtootaan baga gammaddan jedhanii, dameen balalii xiyyaaraa nageenyaaf dursa kan kennuu ta’uun eebbifamtoonni nageenyaa imaltootaa eeguun ittigaafatamaa fi naamusa ogummaa eeguun hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Daandiin qilleensichaa wagootaa 66 lakkoofsise keessatti ogeeyyii balalii kuma 180 ol eebisiisuun eerameera.

Tigisti Birhaaneetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment