Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 78ffaa isaa ilaalchisuun gara Kaayirootti balalii addaa taasise

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC)-Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa imala milkaa’aa waggoota 78ffaa isaa ilaalchisuun gara Kaayirootti balalii addaa taasiseera.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa akka lakkoofsa Awurooppaatti Bitootessa 29 bara 1946 Asmaraarraa gara Ijipti Kaayirootti xiyyaara /5C- 47/’n balallii jalqabaa taasisuun ni yaadatama.

Sirna Balalii addaa taasifamerratti Hojii Raawwachiisaan Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoon, Itti Gaafatamaan Damee Daldalaa Daandii Qilleensichaa Lammaa Yaaddechaa fi hooggantoonni fi hojjettoonni biroo argamaniiru.

Obbo Masfiin Xaasoo haasawaa taasisaniin, daandiin qilleensichaa cimee hojjechuusatiin milkaa’ina galmeessuu eeranii maddi milkaa’ina kanaas maamiltoota ta’uu ibsaniiru.

Maamiltoota guyyichaa imalaa jiraniifis kennaan arjoomuun keessummeessuu ragaan Daandii Qilleensichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment