Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC) –Korporeeshiniin Buufataalee Xiyyaaraa Zaambiyaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 35ffaa sababeeffachuun Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaaf beekamtii fi badhaasa kenneera.
Daandiin qilleensichaa tajaajilaa cimaa fi tumsa hojii Korporeeshinichaaf gumacheen beekamtii fi badhaasa kana argachuu ibsameera.
Beekamtii fi badhaasni kun hariiroo hojii fi tajaajilaa dhaabbilee lamaan gidduu jiru caalmaatti kan ccimsu ta’a jedhame.
#Oromia #Ethiopia