Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasaa “AIR Cargo News Award 2023” injifate

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa damee fe’umsaa fi loojistiksiin badhaasa “Air Cargo News Award 2023” injifateera.

Daandichi daandi qilleensaa tajaajila fe’umsaa filatamaan marsaa 2ffaaf akkasumas badhaasa daandii qilleensaa tajaajila fe’umsaa Afrikaa filatamaa walitti aansuun waggoota shaniif injifachuun badhaasa aragateera.

Daandichi badhaasicha injifachuu hordofee Hoji Gaggeessaan Daandii Qileensaa Itiyoophiyaa Obboo Masfiin Xaasawu ergaa dabarsaniin badhaasicha argachuutti ni boonna jedhaniiru.

Daandichis maamiltoota isaaf tajaajila saffisaa fi amansiisaa kennuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment