Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa talaallii vaayrasii koroonaa imalchiisu eegale

Finfinnee, Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa talaallii vaayrasii koroonaa Moombaayii gara Finfinnee fi Beejiingii gara Biraazaaviil imlachiisaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaan talaallii vaayrasii koroonaa jalqabaa Gurraandhala 27 Moombaayii gara Finfinnee galchuun ishee ibsameera.

Talaallii covid -19 gara biyyoota garaagaraatti raabsuuf shooraa olaanaa ba’aa akka jiru daandiin qilleensichaa kaleessaa Chaayinaa fi Beejiing irraa gara Biraazaaviilitti imalchiisuu ibseera.

 

Hoji gaggeessaan olaanaa daandii qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabra Maariyaam, talaallii vaayrasii koroonaa gara biyyoota garagaraatti raabsuun tajaajila murteessaa laachuun gammachuu guddaadha jedhaniiru.

 

Kana dura daandiin qilleensichaa meeshaalee ittisa vaayrasii biyyootaf raabsaa turun isaa ni yaadatama.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment