Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa of eeggannoo cimaa sadarkaa isaa eeggateen tajaajila balallii gara Chaayinaa taasisaa jiraachuu ifoomse

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa imaltootaa fi hojjettootaaf of eeggannoo cimaa vaayrasii koroonaa sadarkaa isaa eeggateen tajaajila balallii gara Chaayinaa taasisaa jiraachuu ifoomsera.

Mootummaa Ityoophiyaa fi Chaayinaa waliin ta’uun ulaagaa of eeggannoo vaayrasii koroonaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi Waldaan Geejjiba Qilleensaa Addunyaa kaa’an eeguun tajaajila balallii gara Chaayinaatti taasisaa jiraachuu hojii raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleessan Itoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam ibsaniiru.

Haaluma barameen bara haaraa Chaayinaa sababeeffachuun magaalota biyyattii kanneen akka Beejiing, Shaangaay, Gu’aanzhii, Cheenguu fi Hoong Koongitti balallii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Chaayinaan iddoo ga’umsa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa hangafa ta’uu ishee himuun, walakkaa Jaarraaf Ardii Afrikaa geejjiba qilleensaan walqunnamsiisuu ibsaniiru.

Obbo Tawaldeen deeggarsa mootummaan Chaayinaa fi ummanni ishee taasisaan galateeffachuun, yeroo kanattis daandiin qilleensichaa cinaa isaanii kan dhaabbatu ta’uu ibsaniiru.

Vaayirasiin koroonaa baatii Muddee gaafa guyyaa 21 bara 2012 magaala Wiihaaniitti kan mul’ate yoo ta’u, hanga ammaatti namoota dhibichaan qabaman kuma 9 ol keessaa namoonni 213 du’aniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa walga’ii ariifachiisaa guyyaa kaleessaa gaggeesseen labsii fayyaa yeroo ariifachiisaa idila addunyaa labseera.

Vaayirasichi yeroo ammaa Chaayinaan ala biyyoota 18 keessatti kan mul’ate yoo ta’u namoota 98 irratti mallattoon isaa mul’achuu mirkanaa’eera.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment