Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa Hoteela Abbaa Urjii 5 bane

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee keessatti Hoteela Abbaa Urjii 5 bane.

Hoteelichi terminaala keessummeessa imaltootaa lakkoofsa 2 waliin kan kan walquunnamuufi ulaawwan/balbalawwan  yaabbii xiyyaaraatti dhiyoo ta’uu eerameera.

Ijaarsi hoteelichaa bara faranjootaa Mudde 2020 kaneegale yoo ta’u, yeroo ammaa ijaarsi isaa xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’uu ibsameera.

Hoteelichi kutaalee aaragalfii keessummaa 41 kan qabu ta’uu eerameera.

Hoteelichi Hoteela Iskaay Laayitiin kan hoogganamu ta’uu ragaan daandii qilleensichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment