Daandichi, daandiiwwan qilleensaa gurguddoo Afrikaa 10 keessaa adda duree ta’e

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa, daandiiwwan qilleensaa gurguddoo Afrikaa 10 keessaa adda duree ta’e.
 
Akka gabaasa Afrikaa Loojeestiiksii Doot Koomiitti,Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa tajaajila laatun ammas Afrikaarraa adda duree ta’uu isameera.
 
Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa baayy’ina imaltootaa, iddoo ga’umsaa fi galii galchuun ardii Afrikaatii sadarkaa duraarratti argama jedhame
 
Daandiin qilleensichaa Ityoophiyaa,daandii guddicha addunyaarraa sadarkaa 4ffaa irratti argamu akka ta’es himameera.
 
Bara Faranjootaa 2019 imaltoota miiliyoona 13.3f tajaajila laatera.
 
Daandii Qilleensa Ityoophiyaatti aanuun Daandiin Qilleensa Gibts, Moorookoo, Aljeeriyaa, teessoon isaa Afrikaa Kibbaa kan ta’e Daandii Qilleensaa Koomeers, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Tuuniziyaa, teessoo isaanii Afrikaa Kibbaa kan ta’e Daandiiwwan Qilleensaa dhuunfaa Maangoo fi Filiisaaf sadarkaa 2ffaa – 10ffaa qabataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment