Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa sagantaa Afxiraa Hoteela Iskaayilaayititti gaggeesseera.
Kaayyoon sagantichaa waloomaa fi obbolummaa cimsuuf akka ta’e himameera.
Saganticharratti dippiloomaatoonni biyyoota garaagaraa, Abbootiin Amantaalee, maamiltoonni Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa fi keessummoonni waamichi taasifameef biroon argamaniiru.
Rahmaa Ahimaditu gabaase.