Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa badhaasaa Mana Maree Indaastirii fi Daldalaa BRICS injifate

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)- Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa badhaasa 2024 “Corporate Sustainability Achievement Award” Mana Maree Indaastirii fi Daldalaa BRICS injifateera.

Badhaashichi walitti hidhamiinsaa daldalaa biyyoota miseensaa BRICS gidduu jiraatu, raawwii fi beekkamtii kalaqaa kan kennu akka ta’e ragaan daandicharraa argame ni mul’isa.

Biyyoonni Miseensaa Mana Maree Daldalaa fi Indaastirii BRICS keessatti, sochiiwwan daldalaa fi indaastiriiwwanii jajjabeessuuf bara faranjootaa 2012 mana maree hundeeffame ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment