Daandiin cirrachaa fi Riqichoonni Doolaara miiliyoona 470n ijaaramuuf karoorfaman

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Waggoottàan shanan itti aanaan keessa Daandiiwwa cirrachaa fi Riqichoonni Doolaara miiliyoona 470n ijaaramuuf karoorfamuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa ibseera.

Daandiwwan kunneen sagantaa uwwisaa fi walitti hidhamiinsa Daandii Baadiyyaan kan hojjetaman ta’uu eerameera.

Wabii nyaataa mirkaneeasuuf galteewwan gahaa naannawaa baadiyyaaf dhiyeessuu fi oomisha mancaatii malee gabaaf dhiyeessuuf sagantaa uwwisaa fi walitti hidhamiinsa Daandii Baadiyyaan kan hojjetamu ta’uu Ministir Deetaan Ministeerichaa Wandimmuu Seetaan himaniiru.

Sagantaan kun aanaalee biyyattii 128 keessatti hojiirra kan oolu ta’uu eeruun, kanaanis Daandiin cirrachaa Kiiloo meetirri kumni 8 fi 500 fi Riqichoonni kumni 1 fi 200 ni hojjetamu jedhan.

Piroojektichaaf Doolaarri miiliyoonni 450 hanga 470 baasii ni ta’a jedhan.

Baajanni kunis % 30 naannoleen kan uwwifamu yoo ta’u, miiliyoonni 300 ammoo Baankii Addunyaan kan uwwifamu ta’uu kaasaniiru.

Masafinti Iyyaayuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment