Daandiin Addabaabayii Masqalaa gara Boolee geessu sababa misooma koriidariin gariin cufaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) – Daandiin Addabaabayii Masqalaa gaaa Boolee geessu sababa misooma koriidariin gariin cufaa ta’u Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiise.
Sababa misooma koriidarii fi aspaaltii diriirsuun daandiin guddichi Addabaabayii Masqalaarraa gara Buufata Xiyyaaraa Boolee geessuu gariiniin tajaajila geejjibaaf cufaa ta’uu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Haaluma kanaan:
– Lagga Harree gara buufata Xiyyaaraa Boolee geessuu,
– Isxifaanoosi irraa gara Boolee,
-Uraa’eel irraa karaa Addabaabayii masqalaan Boolee geessu.
Akkasumas daandiin keessa keessa gara daandii guddicha buufata Xiyyaaraa geessan hundi Caamsaa 26, 2016 irraa eegalee hanga hojichi xumuramutti yeroo hunda waaree booda saa’tii 8:00 hanga ganama barii sa’aatii 12:30tti tajaajila geejjibaaf gariiniin cufaa ta’uu isaa himeera.
Kanaaf konkolaachiftoonni daandiiwwan filannoo biroo akka fayyadaman poolisiin magaalicha beeksiseera.
Comments (0)
Add Comment