Finfinnee, Mudde 16, 2017 (FMC)- Daandiilee Qaxxaamura Biyyattiitti sochii idileen nagaan gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa beeksise.
Ittaanaa Koomishinara Jeneralaa fi Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa Poolisii Federaalaa Malaakuu Faantaan, Faanaa Dijitaaliif akka ibsanitti, daandiilee qaxxaamura biyyaaf eegumsi amansiisaan taasifamaa jira.
Daandiilee, Gaambeellaa, Dambii Doolloo, Naqamtee, Mooyaalee, Jigjigaa, Samaraa, Baahirdaarii fi kanneen birootti nageenya imaltootaaf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Kanaan dura rakkooleen nageenya darbee darbee daandiilee Finfinnee-Baahirdaar, Finfinnee-Samaraa-Jibuutii fi kanneen biroorratti mul’achaa turuu yaadachiisan.
Yeroo ammaas Poolisiin Federaalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa qaamolee nageenyaa naannolee waliin ta’uun hojiilee hojjetamaniin daandiilee qaxxaamuraa biyyaa ijoo ta’anitti sochii idileen taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaa naannawaalee tokko tokkotti hidhattoonni WBO socho’aa turan waamicha nageenyaa simachuun galuun sochii idilee nagaatti deebi’uu eeraniiru.
Ta’us, farreen nageenyaa fi saamtonni daandiirraa darbee darbee rakkoo uumuu waan danda’aniif, rakkocha waarinaan dhabamsiisuuf qamolee nageenyaa garaagaraa waliin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia