Daandiiin Qilleensa Ityoophiyaa balallii gara biyyoota 30tti taasisu adda kute

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Daandiiin Qilleensa Ityoophiyaa balallii gara biyyoota 30tti taasisu adda kute.

Daandiiin Qilleensa Ityoophiyaa guyyaa har’aa eegalee balallii gara biyyoota 30tti taasisu adda kutuu isaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Imaltoonni biyyoota kamiyyuu irraa gara Ityoophiyaa dhufan guyyoota 14f iddoo tursiisaa keessa akka turan murtee’era jedhan Muummeen Ministiraa.

Yeroo turtii kana keessattis baasii isaanii ofiin kan of danda’an ta’uu ibsaniiru.

Dooktar Abiy dhibeen kun manneen sirreessaa keessatti yoo muul’ate to’achuun rakkisaa waan ta’uuf,sirreeffamtoonni daa’ima qabatanii jiran, kan yeroo turtii isaanii xumurachaa jiranii fi yakka salphaan himataman gadi akka dhiifaman murteessaniiru.

Dhaabbileen amantaa haaluma amantaa isaaniin tatamsa’ina vaayrasii kanaa ittisuuf murtee mataa isaa akka dabarsan walii galamuu himaniiru.

Manneen dhugaatii fi shubbisa galgalaas guutuu biyyattiitti tajaalila laachuu akka dhaaban murtaa’eera jedhan.

Dooktar Abiy Vaayrasichi ergaa muul’ate diingadee biyyattiirra dhibbaa guddaan qaqqabaa jiraachuus ibsaniiru.

Akka fakkeenyaatti Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa qofti Doolaara miiliyoona 190 ol dhabeera jedhan.

Galiin Daldala alaarraa argamu daraan gadi bu’uus himaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad filannoo bara kanaa ilaalchisee ibsa laataniin, Boordiin Filannoo biyyaalessaa gamaggama mataa isaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, boordichi haala uummamurratti hundaa’uun murtee kan laatu ta’us,haalli jiru hammaataa taanaan bu’ura qorannoon mariin gaggeeffamee murteen kan darbu ta’a jedhan.

Dooktar Abiy Ityoophiyaatti sababa vaayrasii koroonaan lammiilee alaa irra loogii ga’aa jiru balaaleeffatniiru.

Vaayrasichi bifaan, koorniyaan, amantaan, sabaan kan qoodu waan hin taaneef qaama kamuu irra loogiin ga’uu hin qabu jedhan.

Gama biraan yeroo rakkoo kanatti waan qabnuun dirqama namummaa ba’uu osoo qabanuu daldaltoonni seeraan ala dabballii gatii taaisan sirrii akka hin taane ibsuun, dhaabbilee alseerummaa raawwattan to’achuuf tarkaanfiin fudhatamuu cimee itti fufa jedhan.

Alaazaar Taaddasaatu gabaase

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment