Daandii Baaburaa Magaalaa Finfinnee-Jibuuti kan Awaash- Koomboolchaa – Hara Gabaa wajjiin walqunnamsiisuf waligalteen mallatta’e

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Daandii Baaburaa Magaalaa Finfinnee-Jibuuti kan Awaash- Koomboolchaa – Hara Gabaa wajjiin walqunnamsiisuf waligalteen mallatta’e.

Koorporeshiniin Daandii Baabura Itiyoophiyaa fi Kubaaniyaan Biyyaa Chaayinaa CCECC’n jedhamutu walii galtee kana mallatteesse.

Baasiin kanaaf oolu walumagalatti Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 54.93 yookiin Birrii Biiliyoona 2.018 yoo ta’uu baasiin kun guutuuman guututti Mootummaan Itiyoophiyaan kan danda’u ta’aa jedhameera.

Boba’aan %95 ta’uu karaa buufata Jibuutiin kan galuufii geejjiba konkoolaataan qofan kan dhufuu yoo ta’uu geejjiba baaburaan akka galu taasisuun rakkoo tiraafikaa jiru hir’isuuf gargaaruu irraa darbee kuusaa bobaa’a Awaash jiru gara giddugalessatti geejjibsisuuf kan gargaaruu ta’aa jedhameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment