Daandii Baaburaa Ityoo-Jibuutiirratti rakkoon mudachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2014 (FBC)- Tajaajilli Geejjiba Ityoo-Jibuutii sababa rakkoowwan daandii baabuurratti mudataaniin hojiin isaa gufachuu ibseera.

Tajaajila geejjiba baaburaa Ityoo- Jibuutii irratti mariin gaggeeffamaa jira.

Maricharratti qamolee dhimmi ilaallatuu fi hooggantoonni godinaa fi aanaalee sararicharratti argamanii hirmaachuu ibsameera.

Rakkoolee sarara daandichaarra ga’u ittisuuf hawaasni gahee mataa isaa bahachuu akka qabu Daayreektarri Tajaajila geejjiba baaburaa Ityoo- Jibuutii Injiinar Xilaahuun Sarkaa ibsaniiru.

Waggoottan darban daandicharra rakkoon hannaa olaanaa ta’ee fi balaan garaagaraa mudachaa turuu ibsaniiru.

Yismaaw Adaraatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment