Daandichi xiyyaara fe’umsaa 10ffa ‘Booying 777’ galche

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaara fe’umsaa 10ffaa ‘Booying 777-200LR’ jedhamu galchuu beeksise.

Xiyyaarichi abbaa mootora lamaa yoo ta’u, meeshaalee toonii 100 ol fe’uu kan danda’u ta’uu ragaan daandicharra argame ni mul’isa.

Kanaan dura moggaasni Maqaa Xiyyaarota daandichaa Qubee “A” kan eegalu yoo ta’u amma garuu Qubee “B”n eegaluun moggaasa xiyyaarotaa ET-BAA jedhuun galmeessa eegaluun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment