Daandichi sababii vaayrasii koroonaatin $ miiliyoo dhibba 5 fi miiliyoona 50 dhabeera

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa sababii weerara vaayrasii koroonaatin galii Doolaara miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 50 dhabeera.
 
Hoji raawwachiisaan daandichaa obbo Tawaldee G/maariyaam ibsa kaleessa laataniin akka beeksisanitti, weerarri vaayrasichaa indaastirii aviyeeshiniirratti miidhaa qaqqabsiisera jedhan.
 
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa sababii weerarichaatin qaqqabama imala alaa %90 hir’isee; qaqqabamoota qabu 110 keessaa 91 hir’isuun, 19 qofarratti hojjechaa jiras jedhan.
 
Tajaajilli balalii imaltootaa hir’atus, tajaajilli fe’umsaa(kaargoo) fi kutaan suphaa xiyyaaraa akka gaarii hojjechaa jira jedhaniiru.
 
Daandiiwwan qilleensaa biyyoota biroos deeggaramaa jiru; Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa garuu qormaata isa mudate ofumaa dandamachuuf hojjechaa jira.
 
Ameerikaan damichaaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 58 taasisteetti.
 
Daandin Qilleensaa Ityoophiyaa hojjettootasaa dhaabbii hin hir’isne, eeayyamas baasee mindaa kaffalaafii jira jedhan obbo Tawaldeen.
 
Qaqqabamasaa hir’isuudhan tajaajila balalii laachaa kan jiru Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa qofaa miti; daandiwwan biyyoota biroos balali’aa jiru jedhan.
 
Damichi sababii vaayrasii koroonaatin Doolaara biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 52 dhabuu akka malu; Afrikaan ammoo Doolaara biiliyoona 4.5 dhabuu akka maltu ibsaniiru.
Comments (0)
Add Comment