Daandichi gitasaa Afrikaa Kibbaatif xiyyaarotaa fi balaliistota dhiyeessuu, tajaajila suphaa laachuuf qophii ta’uusaa beeksise

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa, Daandii Qilleensaa Afrikaa Kibbaatif xiyyaarotaa fi balaliistota dhiyeessuu, tajaajila suphaa laachuuf qophii ta’uusaa beeksise.

Hoji raawwachiisaa olaanaan daandichaa obbo Tawaldaa G/maariyaam waliigaltee hojii mootummaa Afrikaa Kibbaa waliin galamuun daandichi tajaajilicha laachuuf qophii ta’uusaa ifoomsaniiru.

Dhaalarratti waliigalteerra ga’uu akka barbaadanis eeraniiru.

Xiyyaarota, ogeeyyii, balaliistota, teekniishiyaanotaa fi tajaajila hoggansaa dhiyeessuun Daandii Qilleensaa Afrikaa Kibbatif tajaajilicha salphisuu barbaanna jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment