Daandichi Booyiingirraa amma dhuma Waxabajjiitti beenyaa kan eegu ta’uu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 10, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa, Booyiingirraa amma dhuma Waxabajjiitti kaffaltii beenyaa kan eegu ta’uu beeksise.
 
Hoji raawwachiisaan daandichaa obbo Tawaldaa G/maariyaam akka beeksisanitti, daandichi balaa xiyyaara Booyiing 737 Maaksirra qaqqabeef amma dhuma Waxabajjiitti Booyiingirraa beenyaa eegaa jirra jedhaniiru.
 
Obbo Tawaldaal Rooytars waliin turmaata taasisaniin akka beeksisanitti, daandichi dhimma beenyaarratti Booyiing mariidhaf affeeruu ibsan.
 
Beenyaan amma Waxabajjiitti eegamu xiyyaaraa Booyiing 737 Maaksirra Bitootessa 2011 balaa naannoo Bishooftuutti qaqqabeefi.
 
Kanaan alas beenyaan gaafatamu daandichi xiyyaaronni dabalataa akka dhiyaataniif ajajee, dhaabbatichi yeroodhan dhiyeessuu dhabuu isaatin galii dhabame ilaalcha keessa kan galchudha jedhan.
 
Ammeentaa beenyaa kan hin eerre hoji raawwachiisichi, beenyaan dhiyaatu maallaqaan yookin meeshaalee jijjiirraa xiyyaaratiin ta’uu akka malu himaniiru.
 
Daandichi sababii weerara vaayrasii koroonaatin galii dhabu bakka buusuuf xiyyaarota 22 fee’insa meeshatiif oolchaa akka jiru ibsaniiru.
 
Daandichi Gurraandhalaa amma Eebilaatti Doolaara miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 50 dhabuusaa eeraniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment