Daamaraan Masqalaa vaayrasii koroonaarraa of eeggannaan kabajamuu akka qabu Ministeerri Fayyaa beeksise

Finfinnee, Fulbaana 16, 2013 (FBC) – Daamaraan Masqalaa vaayrasii koroonaarraa of eeggannaan kabajamuu akka qabu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Ministirri Ministeerichaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ayyaannan kanaan dura ummanni itti heddummaachuun kabajamu of eeggannaan kabajamuu qabu jedhan.
Iddoo Daamaraatti fageenya ofii eeggachuu, haguuggii afaanii fi funyaanii kaawwachuu, harka ofii saamunaa fi bishaanin qulqulleessuu, saanitaayzarii fayyadamuun tamsa’ina vaayrasichaa hir’isuudhan ga’ee keenya yaa ba’annuun dhaamaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment