Daa’imman irratti hojjechuun egeree biyyaarratti kanaarratti hojjechuudha – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 15, 2014 (FBC) – Qaama fi Sammuu Daa’immaniirratti hojjechuun egeree biyyaarratti hojjechuu ta’uu Kantibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Daandii guddaa Magaalaa Finfinnee Walloo Safarii gara Uraa’el geessu ijoolleen akka irratti taphataniifi ispoortii garagaraa hojjetaniif guyyaa Dilbataa sochii tiraafikaarraa bilisa akka ta’u har’a ifatti eegaleera.

Kantibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen qaamaan argamuun ijoollee fi jiraattoota magaalichaa waliin daandii kanarra deemsa lafoo taasisaniiru.

Aadde Adaanach Qaamaa fi Sammuu daa’immaniirratti hojjechuun egeree biyyaarratti hojjechuu ta’uus ibsaniiru

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment