Daa’immaan hidhattoota Murleen ukkaamsaman gadi lakkiisiiisuuf qindoominaan hojjetamaa jira – TKM

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellatti Daa’immaan hidhattoota Murleen ukkaamsaman gadi lakkiisiiisuuf Poolisiin Federaalaa fi Qaamoleen nageenyaa naannichaa qindoominaan hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Hidhattoonni Murlee Gurraandhala 2, 2014 Naannoo Gambeellaa Godina Anyuwaak Aanaa Diimaa loo’anii Seenuun Buufata Baqattootaa keessaa daa’imman 5 fudhachuu isaanii ibsameera.

Hidhattoonni kunneen dhukaasa Buufaticha keessatti bananiin namoota muraasa madeessuus ibsameera.

Taatee aanichatti muudate qulqulleessuu fi tarkaanfii barbaachisu fudhachuun, akkasumas daa’imman ugguraman deebiisiisuuf Poolisiin Federaalaa fi Humni nageenyaa naannoo Gambaallee qindoominaan hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa laateen ibseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment