Finfinnee, Amajjii 11, 2014 (FBC) – Cuuphaa Goondaritti kabajuun gammachuu fi miira addaa qabaachuu Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaan ibsaniiru.
Ayyaannicha Goondaritti kabajamuun aadaa fi hambaa magaalichaa haalan beeksiisuuf ga’ee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Miseensota Diyaaspooraa duula ‘No More’n sadarkaa idil addunyaatti dhiibbaa uumaan galateeffataniiru.
Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaa fi bifa addaan kabajamuun hawaasa idil addunyaaf ergaa guddaa kan dabarsu ta’uu Dooktar Yiliqaal Kaffalaan eeraniiru.
Kabaja Ayyaana Cuuphaa magaalaa Goondaritti kabajamaa jirurratti Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagarii fi Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo argamaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.