Corqaa (Qaaraa) baayy’inaan nyaachuun dhibee onneen qabamuu irraa nama baraara  – qorannoo

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC) – Corqaa baayy’inaan nyaachuun carraa dhibee onneen qabamuu dhibbeentaa 40 akka hir’isu qorannoon tokko ifoome.

Akka qorannoon biyya Xaaliyaanitti namoota kuma 23 irratti gaggeeffame tokko ifoomeetti namoonni corqaa baayy’inaan fayyadaman namoota hin fayyadamne caalaa dhibbeentaa 40 dhibee onneen qabamuu carraa gadi aanaa qabu jedha.

Namoonni torbanitti si’a 4 fi isaa corqaa nyaataan carraan isaan dhibee onneen qabamuu qaban xiqqaa ta’uu qorannoon kun ifoomee jira.

Qorannoon biyyaa Xaaliyaanii, Chaayinaa fi Ameerikaatti gaggeeffame bifuma walfakkaatuun namoonni corqaa baayy’inaan nyaataan carraa dhibee Onneen qabamuu qaban gadi aanaa ta’uu mirkaneessee jira.

Gareen qorattootaa kun faayidaa corqaan fayyaa namaaf qabu irratti qorannoo gadi fageenyaan gaggeessuuf karoorfachuu isaanii ibsamee jira.

Akka gareen qorattootaa kunneen jedhanitti corqaa/Qaaraa nyaachuun faayidaan inni fayyaa namaaf qabu hanga ammaatti ifaatti taa’uu baatus fedhii nyaataa dabaluu fi gammachuu uumuuf bu’aa qabaachuu ibsaniiru.

Qorataan biyya Ingilaand tokko akka jedhutti corqaa baayy’inaan nyaachuun fayyaa namaaf faayidaa olaanaa qabaachuu dubbata.

Maddi:- CNN

 

Comments (0)
Add Comment